|
Adoolessa 10,2008 (Ijoo Dubbii ABO)
Rakkoo diinni Oromiyaa keessatti uumerraa ilmaan Oromoo hedduun biyya ambaatti bahanii jiraachuun beekamaa dha. Isaan keessaa his hammi tokko biyyoota Awroppaa, Amerika fi Kibbaa Pasifik qubatanii akka jiran ni hubatama. Warri qubatee jiru kun akka nam-tokkeetti fi akka hawaasaattillee bilisummaa dhaloonni biyyoota sanii qaban horatanii jiru. Ha tahu malee sabni isaan keessaa bahan, sabni Oromoo dhaa rakkoon isaa guyyaa guyyaa dhan dabalaa dhaa ti jirti. Sababni rakkoo tanaa tis sirna diinni irratti diriirsee jiru. Furmaata rakkoo sanii tif yaaduu dha fi hojjachuun ufiifillee jiruun isaanii akka fooyyoftu waan taasisuf akka ma dhimma ufiitti yaadanii hojjachuun barbaachisaa dha.
Erga gaafa gabroomfattoonni Oromiyaa weeraranii tii kaasee Oromoonni sababoota adda addaa tin biyya ufiirra yaa'uun waan ma jiraa ti. Hammi tokko dura gabrummaa dhaan gurguramee yaa'e. Booda hammi tokko barnoota ammayyaa baratee tumsa qabsoo bilisummaa dhaa barbaadee biyya bilisoomsuu dhaaf babahe. Kan biraa ammoo qabsoo bilisummaa dhaa biyya keessatti dadaan geggeessuun waan dadhabameef qabsoo hidhannoo dhaa tif deeggarsa barbaachisu coruu dhaf yaa'e. Boodarra ammoo cunqursaa diinaa baqatee ti alatti yaa'ee, ammas yaa'aa dhaa jira.
Jarreen haala adda addaa kanaan bahan hundumtuu qooda saba ufiif gumaachan qabu. Warra gabrummaa dhan gurguramee bahe keessaa Abbaa Gammachiis faan kitaaba qulqulluu afaanota naannoo sanii keessaa dura afaan Oromoo dhatti hiikuu dhaan saniin wal qabsiisanii barnoota afaan fi aadaa Oromoo babal'isuun isaanii ni yaadatama.
Warri akka General Waaqoo Guutoo faan biyyaa ollaa dhaatti bahanii toftaa lolaa fi hidhannoo fudhatanii deebi'anii lolli isaan geggeessan, kan lola dhoombeer jedhamee beekamu, diina hammam akka rooraase waan seenaan barreessee jiru.
Murni sanatti aanee bahe kan akka Elemo Qilxuu faan qabsoo hidhannoo dhaa maqaa Adda Bilisummaa Oromoo tin Oromiyyaa keessatti jalqabuurratt qoonni isaanii beekamaa dha. Ayoub Aboubaker faan radio Mogdishoo sagantaa afaan Oromoorratti dammaqiinsa ummata keenyaa ol kaasuun hamma diinni lukkee isaa itti erge achitti isa dhimanin gayee jira.
Osoo mootummaan Somalia gaafasii imaammata qajeelaa hordoftee jiraattee dammaqiinsa karaa radio sanii dabraa dhaa tureen namni hedduun qabsoo hidhannootti dabalamee san bilisummaa Oromoo dhaa ni dhugoomsa ture.
Lolli Somalia fi Ethiopia bara 70oota gara dhumaa geggeeffame Oromoo heddumminaan akka buqqa'ee baqatu taasisuun ni jira. Oromoon bal'inaan biyya alagaatti kan bahe haala kana booda jechuun ni dandayama. Naannoolee addunyaa dhaa olitti kaafne sanas dhaqee qubsiifamuun bal'inaan kan argame kana booda.
Ilmaan Oromoo akka kanatti biyyoota sadaffaa qubsiifaman kun mirga fi dirqama dhaloonni biyyoota sanii qaban guutuu dhatti qabu. Ha tahu malee sababaa dhibee Oromiyaa keessaa tan haalli gabrummaa dhaa uumerraa jiruu ufii akka barbaachisetti sirreeffachuun akka hin mijjoofne ifaa dha. Haala qunnamtii addunyaa dhaa tan fooyyeeffamterraa jiruu firoota isaanii biyyatti hafanii waan quba qabaniif mataa mataa dhan firoota biyya keessatti hafan, kanneen baqatanii mooraa baqataa biyyoota ollaa keessan jiran fi maatii hiyyooman/yataamawan tin'isuu dhaa tu irra jira. Kunis sabata jireenyaa ti fi qorqalbii waan dhoowwatuf jiruu akka warra biyya keessa jiranii sanin badhaadhuu akka hin dandeenye isaan taasisa. Rakkoon firoottan kanaa tis guyyaaguyyaa dhan heddummina fi aynaa dhaanis waan dabalamaa dhaa deemtuf mata mataa dhan gargaarsa ergamuuf kanaan furamuu akka hin deendeenye ni hubatama. Furmaanni isaa kan hundee dhaa sirni jiru kun diigamee bilisummaan Oromoo dhaa yo dhugoomte qofa. Kana fiduu dhaafis qabsoon bilisummaa dhaa murannoo fi wareegama barbaachisu baasuu dhan itti fuftee galii ifii gayuun barbaachisaa dha.
Hedduun ilmaan Oromoo biyya ambaa qubatanii kun bilisummaa Oromoo tif qabsoo geggeeffamaa dhaa jirtu keessaa qooda fudhachaa dhaa akka jiran beekamaa dha. Haalli qooda fudhannaa isaanii tis haala seera fi sirna biyya keessa jiraniirratti dhaabbatanii bifa adda addaa tin jajjaaramuu dha fi akka nam tokkoottiisi.
Bara keessaa yeroon ammaa tun tan warri waa baratu fi kan biraallee hara-baafannoo ykn aara-galfannoo qabani. Kanaaf walgayiilee fi qophiilee adda addaa tu geggeeffama. Egaa, haala kanatti dhimma bahuu dhan, qooda fudhannaa qabsoo bilisummaa dhaa keessaa qaban, heddummina fi aynaa dhaanis ol kaasuun murteessaa dha.
Dhaloonni osoo qabsoon bifa qindaawe kanaan hin jalqabin biyyaa bahe waan mumul'atoo akkasii yo hojjatan dhaloonni ammaa kan sababa qabsoo dhaa tin ala bahee qunnamtii ammayyaa tin haala saba ufii guyyaa-guyyaa dhan hordofaa dhaa jiru isaan sana caalaa waan mul'ataa hojjachuu dhan bilisummaa dhugoomsuu dhatti xiyyeeffachuu qaba. Namni biyya ambaa qubatee jiru, kan biyya dhaloota ufii tan bilisa taate qabu, hiree irra bala'oo qaba, ufirrattis amantii qaba. Yo san hin taane if bir'ataa dhaa ti jiraata.
Walgayiilee fi qophiilee amma geggeeffamuu dhaf jiran kanatti dhimma bahuu dhaan: warra kanaan dura qabsoorraa qooda fudhachaa dhaa hin jirree akka qooda fudhatan kakaasuu;
tin'isa diinaggee qabsoo dhaf kennaa dhaa turan akkaataa itti ol kaasan;
dhimma Oromoo dhaa akka dansaatti alagaa barsiisuu dhaan tumsa alagaa dhaa, kan mootummaan diinaa badii ummata keenyaa tif dhimma itti bahaa dhaa jirtu, akkaataa itti dhaabsisan fi
Qabsoo teenyaaf gargaarsa barbaachisu babal'isan mala dhawuu dha tu irraa eegama. Hiree biyya ambaa keessa jiraachuu dhaa kanaan qabsoo ammaa tif fi Oromiyaa hegeree tiifis ogummaa, humna namaa ti fi qabeenyaa adda addaa akkaataa itti hiriirsanirratti marii barbaachiftu geggeessanii murtiilee fi kutannoolee barbaachisan dabarsuu dhan hujirra oolchuun barbaachisaa dha jenna. Toftaa diinni lafa ma Oromoo irraa buqqise deebisee ilamman ma Oromo ala jiranitti gurgurachuuu dhaan if maddii isaan hiriirsee ilmaan Oromoo wal afaan kaayee ufii horii saammatu, kan hegere seenaa nama gaafachiisu keessa isaan naquu dhaf deemsissaa dha jirurraa akkaataa itti if tissan fi fashalsiisan marihachuun barbaachisaa dha jenna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
|